Kanas kan jedhan kan har’a kabajamee oolee guyyaa Afrikaa sababaa gochuun yoo ta’u haallii Yukreen keessaa Afrikaaf madda rakkoo kan biraa ti jedhan.Walitti bu’iinsa lafa fagootti gaggeeffamun Afrikaan miidhamaa jirti jedhan.
Dargaggonni Afrikaa kanneen har’a walgahii paan Afrikaan Yuuz jedhame Finfinnee keessatti gaggeeffame irratti hirmaatan, hogganoonni Afrikaa carraa hojii dhabuu dargaggoota Afrikaa keessaa mudatee rakkoo inni fidee irratti akka qiyyaafatan gaafatan.
Guyyaan Afrikaa waggaa waggaan guyyaa itti jaarmayaan tokkummaa Afrikaa jedhamu itti hundeeffame Caamsaa 25 bara 1963 yaadachuun kabajama jechuun Keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.