Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Ilaalcha Siyaasaa Qabaniif Hiitan Gadhisaa:Paartii Mormituu


Faayilii: paartii mormituu sochii biyyoolessa Amaaraa

Mootummaan bulchiinsii naannoo Amaaraa namoota gidduu kana hidhata siyaasaa qabaniif jecha hidhee akka gadhiisuuf Jaarmayaan mormiituu ta’e kan sochiin biyooleessaa Amaaraa gaafatee jira. Namoota 4552 hidhuu isaa kan beeksisee bulchiinsii nannoo Amaaraa kunis seera eegsisuuf akka ta’e namoota seeraan ala meeshaa waraanaa daldalan, saamiinsaa fi qabeenya namoota dhunfaa barbadeessan, ajjeechaa rawwatanii fi hokkara kakaasan ittiin jedhee jira.

Garuu jaarmayaan mormiituu kun, mootummaan naannoo miseensoota mormiituu fi namoota mootummaa qeeqan irratti fulleeffatee jira jedha. Kanaafis deemsii sirnaawaa fi seeraan buluu mootummaan nannoo akka fudhatu gaafachuu isaa Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG