Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Qawwee Seera Baasaa:Prez. Baaydiin


Faayilii: Prezidaant Joo Baayiden
Faayilii: Prezidaant Joo Baayiden

Yunaaytid isteetes kutaa kibba dhiyaa Teeksaas keessatti hidhataan mana barumsaa sadarkaa duraa seenuun yoo xiqqaate ijoollee barattota ta’an 19 fi ga’eessoota 2 ajjeesee jira.

Hidhataan umriin 18 jalqaba akkoo isaa qawween eega rukutee booda konkolaataa offatee ittiin mana barumsaa kana cabsee seenuun haleellaa kana kan geesisee yoo ta’u kunis kanneen nageenya eegsisaniin ituu hin ajjeefamin dura ture.

Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarrees ajjeechaa gaggeeffamee Kanaan rifachuu fi gadduu isaanii dubbii himaan isaanii ibsanii jiru.Kanneen miidhaman kun ijoollee ta’uun isaanii immo caalaa nama gaddisiisa jedhan.

Prezidaantiin Amerikaa Joo Baaydin Kibxata kaleessaa imaltuu biyyoota alaa keessatti gaggeessaa turan irraa eega deebi’an booda galgala haasawaa dhageesisaniin, gadda isaanii maatii namoota ajjeefamaniif qaban ibsuun, uummata walitti qabanii ajjeesuun maaliif Amerikaa keessatti baratamaa ta’e jechuun gaafatan. Kanaafis seera tumtoonni waa’ee qawwee irratti seera hiika qabu akka baasaniif gaafatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG