Bulchiisa naannoo Amaaraa, godinaa bulchiisa saba-lammii Waag Himiraa, ganda Abargallee keessatti kan namoota 9 galaafate dhukkkuba daddabraa qorachuuf gurmuun sadarkaa addunyaa tokko gara sanatti imaluu isaa godinichi sab-lammii beeksisee jira.
Qaama qorannaa sana wajjiin haga ammaatti akka wal hin quunnamiin kan dubbatan – hoogganaan qajeelcha fayyaa godinichaa, gurmuun sun dhukkuba daddabraa haaraa achitti uumamee qorachuu dhaa alatti miidhaa namoomaa fi fayyaa sababaa waraansaa achitti geggeessameen dhaqqabeef furmaata akka barbaadu amantaan qaba, jedhu.
Godinaa bulchiisa sab-lammii Waag Himiraa, aanaa Abargallee keessatti dhukkubni daddabraan haaraan ka’ee daa’imman 9 ajjeesuu isaa gara gandeen ollaatti ka babal’ataa jiru tahuu, Sagaleem Ameerikaa jiraattotaa fi hoogganoota mootummaa wabeeffachuun gabaasee ture – jechuun gabaase Masfin Arraagee.