Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dippiloomaatiin Raashiyaa Dhimma Yukireen Irratti Ofiin Taayitaa Gad-lakkisan 


Dippiloomaatiin Raashiyaa gameessi, Booriis Bondaareev jalqaba torban kanaa irra waraansa biyyi isaanii Yukireen irratti geggeessitutti qaana’anii taayitaa gad-lakkisuu isaanii beeksisan.

Kan umuriin waggaa afurtamii lamaa fi waggoota digdamaaf hojii dippiloomaasii Raashiyaa irra turan – Boondaareev biyya isaanii bakka-bu’uudhaan Tokkummaa Mootummootaa keessaa hojjetaa turan.

Taayitaa isaanii gad-lakkisuu isaanii kan ittiin beeksisan – xalayaa Feesbuukii irratti maxxansan keessatti, “umurii koo guutuu keessatti akka Guraandhala digdamii afurii - yeroo Raashiyaan jalqaba Yukireen irratti waraansa geggeessitee jechuu isaanii ti- biyya kootti qaana’ee hin beeku,” – jedhan – Boondaareev.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG