Ayyaana Id Al Fixir magaalaa Finfinneetti kabajame irratti aara imimmaanessu dhoosuun shakkame kan hidhame poolisiin kora humna bittimmeessaa konisaatabil Anbulaa Utee har'a yeroo 3ffaaf mana murtiitti dhiyaatee jira. Poolisiin dhimma isaa qoratu, hanga qorannaa isaa xumurutti yeroo dabalataa gaafatee manni-murtii eyyameefii jira.