Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoota Gaanfa Afrikaaf Jillii Addaa Haaraan Ramadamuuf Jiru: Bliinkan 


Ambaasaaddar Maayik Haamar( Suuraa marsariitii Ministira Dhimma Alaa Yunaaytid isteets irraa fudhatame)
Ambaasaaddar Maayik Haamar( Suuraa marsariitii Ministira Dhimma Alaa Yunaaytid isteets irraa fudhatame)

Gaanfa Afrikaatti jila addaa kan Yunaaytid Isteees kan ta’an Ambaasaaddar Deevid Saatarfiild aangoo gadhiisuuf yeroo qophaa’aa jiran kanatti, Ambaasaaddar Maayik Haamar kan bakka bu’uuf jiran ta’u ministeerrii hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan ibsa baasaniin hubachisanii jiru.

Ambaasaaddar Saatarfiild muuxannoo fi murannoo qabaniin qooda isaan ba’an na adinqiisiifadha kan jedhan Bliinkan Ambaasaddar Haamar immo yaalii gaanfa Afrikaa keessatti gochaa jirruf kaka’umsaa fi mul’ata qaban arguuf jirra jedhan.

Muudamnii isaanii kunis yaalii Diploomaasii kutaa sana keessatti ta’uuf cicha qabachuu keenya agarsiisa kan jedhan Bliinkan keessumaa nagaa fiduuf deemsa siyaasaa hunda hiramaachise argamee, nageenya fi badhaadhinni uummanni Itiyoophiyaa keessaa hundumaaf akka ta’u deggersa taasiifna jedhan Bliinkan.

Dhukaasa dhaabiinsii itti fufee, gargaarii dhala namaa danqaa tokko malee akka seenuu, diittaan mirga namoomaa gama hundaan gaggeeffamee irrattis qorannaan ifa galaa ta’e akka gaggeeffamu fi walitti bu’iinsii jiru marii karaa nagaan akka furamuuf bulchiinsii Baaydiin jabinaan irratti qiyyaafatee jira jedhan Antonii Bliinka.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG