Xurree ittiin seenan

Breaking News

USAID’n Dhaabbata Dubartoonni Dhageettii Hin Qabne Hundeessaniif Gargaarsa Doolaara Miliyoona 500 fi Miliyoona Shantama Kenne


Faayilee: Chaarj Dii Affeers Ambaasaaddar Treesii Jaaobsen
Faayilee: Chaarj Dii Affeers Ambaasaaddar Treesii Jaaobsen

Hoji-raaw’achiistuun yokaan Chaarj Dii Affeers ka Imbaasii Yunaayitid Isteetis Finfinnee jiruu – Ambaasaaddar Treesii Jaakoobsen, proojektii waliin hojii Dhaabbata Yunaayitid Isteetis – USAID fi Itiyoophiyaa haaraa, har’a magaalaa Finfinneetti woorkishooppii dhaabbata dhuunfaa TEKI PAPER BAGS PLC jedhamuu irratti labsanii jiran.

Dhaabbatichi “TEKI PAPERS BAG, PLC” jedhamu, gargaarsa mootummaa Yunaayitid Isteetisiin kennamu Doolaar kuma 500 fi kuma 50nitti gargaaramuudhaan faalama karaa huuboolee laastikii dhufu ittisuuf hojii sadarkaa biyyoolessaa uumuu irratti waggoota sadan dhufaniif hojjechuuf jira – jedha, Embaasiin Yunaayitid Isteetis. Akka ibsa Embaasichaatti waahilummaa hojii kanaan, dubartoota dhageettii hin qabne dhibba lamaa ol tu miindessamee hojjechuuf jira – jechuun, Kenedii Abaatee, Finfinnee irraa gabaasee jria.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG