Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoonni Maqalee Odeeffannoo Magaalattiirraa Cite Waan Ittiin Bakka-buusaniin Hojii Uummataa Jiran


Faayilee: Magaalaa Maqalee
Faayilee: Magaalaa Maqalee

Magaalaan Maqalee waggaa tokkoo oliif tajaajila bilbilaa fi interneetii dhabdee odeeffannoo irraa yeroo adda cittetti dargaggoonni magaalatti daldalatti bobba’an hanqina odeeffannoo kana guutuuf toftaa baafatanii, ofis gargaaraa akka turan, Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jria.

Gara waggaa tokkootiif dargaggoonni ogeeyyiin teknooloojii oduuwwan Tigiraayiin ilaallatan fuula miidiyaa hawaasummaa irraaa suuraa kaasuudhaan, viidiyoolee gaggabaabaa namoota bebbeekamoo akkasumas oduuwwan idil-addunyaa, nama karaa saatelaayitiitiin tajaajila interneetii argatu irra walitti qabuudhaan guyyaa guyyaatti komiyuutara yokaan mobaaayilii isaanii irraa jiraattotatti gurguraa turan.

Foolderii yokaan kuusaa odeeffannoolee kana itti guuran bilbila isaanii yokaan laaptooppii isaanii irratti tolfachuudhaan eega odeeffannoon sun tamsaasamee booda guyyaa itti-aanu nama karaa saatelaayitii interneetii argatu irraa itti guurratu. Achii booda, kuusaa tokko qarshii Itiyoophiyaa kudhaniin jiraattotatti gurguratu.

Maammiloota gara guyyoota soddomaa haga afurtamaatti odeeffannoo isaan irraa bitan akka qaban dubbatu dargaggoota kana keessaa hagi tokko. Kanneen odeeffannoo sana bitachuu hin dandeenye immoo, yeroo manneen muuziqaatiin odeeffannooleen sun tamsaasaman achitti walga’anii dhaggeeffatu jechuun gabaase Mulugeetaa Atsibahaa, Maqalee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG