Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Maalaawii Itti-aanaa Isaanii fi Aangawoota Ol’aanoo Kaan Irratti Akka Qorannaan Malaammaltummaa Geggeessamu Ajajan


Faayilii: Prezidaantii Maalaawii Laazaaruus Chakweeraa
Faayilii: Prezidaantii Maalaawii Laazaaruus Chakweeraa

Prezidaantiin Maalaawii, Laazaaruus Chaakweeraa, itti-aanaa prezidaantii fi aangawoota mootummaa biyyattii ol’aanoo kanneen biroo irratti qorannaan malaammaltummaa akka geggeessamu ajaja kennanii jiran. Yakki aangawoonni Maalaawii ol’aanoon itti shakkaman Lammii Briteen ka tahe dhalataa Maalaawii, nama daldalaa Zuuneet Abdul Rashiid Sattaar irratti himannaa yakkaa dhihaate wajjiin kan hidhata qabu yoo tahu, daldaltichi Zuuneet tajaajila poolisii Kontiraata hojii guddaa mo’achuu haafcha aagawoota mootummaaf matta’aa yokaan guubboo kenne jedhamuun waggaa dabre hidhame.

Dhaabbatni qorannaa yakkaa Briteen baatii dabre akka gabaasetti, aangawoonni Maalii gochaa kana irraa dantaa argatan – Itti-aanaa Prezidanatii Maalii Saawulos Chilimaa, Qorataa Poolisii Joorj Kaa’injaa, hoogganaa hojjetoota mootumaa, Priinsi Kaapondamgaagaa, hoogganaa Biiroo farra-malaammaltummaa biyyattii duraanii Reeyneek Maatembaa kan of keessaa qabu tahuu beekamee jria. .

Prezidaant Chaakemaan ibsa kaleessa gaazzexeessotaaf kennaniin, himannaalee malaammaltummaa biyyattii keessatti deemaa jirutti ka baay’ee gaddan tahuu himanii, garuu aangawoota sana battalatti hojii irraa hari’uun, qajeelfama murtii haqaa heera Maalaawii waan faallessuuf ammaaf tarkaanfii sana fudhachuu irraa akka of qabanii jiran dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG