Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Gurmuun Naga-eegdota Isaa Maalii Keessatti Haleelamuu Beeksise


Faayilii: Tokkummaa Mootummootaa
Faayilii: Tokkummaa Mootummootaa

Tokkummaan Mootummotaa shororkeessonni Kaaba Maalii keessatti konkolaataa humna naga-eegumsaa jaarmayichaa haleeluudhaan naga-eegduu lammii Joordaanii ajjeesanii, ka biroo sadii akka madeessan shakkii qabu dubbatee jira.

Dubbi-himaan Tokkummaa Mootummotaa Stefaan Dujaarik ibsa kennaniin konkolaataa naga-eegdota Tokkummaa Mootummotaa sun bakka Kidaal jedhamutti hidhattoota meeshaalee xixiqqaa fi Laawuncharii dhukaasaniin gara sa’atii tokkoof haleellaan irratti baname, jedhan.

Barreessaan muummichi Tokkummaa Mootummootaa – Antooniyoo Guterez, haleellicha cimsanii balaaleffatanii jiran.

Akka gurmuun naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa jedhutti – haleellaan kun, torban tokko keessatti Kidaal keessatti si’a shanaffaa geggeessamuu isaa ti. Maaliin humna naga-eegumsa Tokkummaa Mootummootaaf bakka bala’amaa taatee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG