Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lubni Waldaa Kiristaanaa Naayijeeriyaa Hidhattoota Butan Harkaa Isa Baasisuuf Maallaqni Doolaara Nuusa Miliyoonaa Kennamuu Beeksisan


Faayilii: Luba Ishee Hidhattoota Harkaa Baasuuf Waldaa Maallaa Baaste
Faayilii: Luba Ishee Hidhattoota Harkaa Baasuuf Waldaa Maallaa Baaste

Lubni Waldaa Kirirstaanaa Metodistii Naayijeeriyaa tokko hidhattoota isa butan harkaa ba’uuf maallaqni doolaara Amaarikaa nuusa miliyoonaa tahu kan hidhattoota sanaaf kenname tahuu dubbatan.

Naayijeriyaa Kaaba Bahaatti kan argamu – kutaa Abiyaa keessatti Dilbata dabre butame lubi waldichaa. Prezidaantiin Naayijeeriyaa nama horii hirphaa sana kenne haga hidhaa waggaa kudha-shaniitti kan adabsiisu seera mallatteessu, jedhamee otuu eegamaa jiruu, lbichi waldaa Kiristaanaa Metodistii Naayijeeriyaa – Saamu’eel Kaanuu Uchee, magaalaa Legoos keessatti ibsa gaazzexeesstaaf kennaniin maallaqa baasame sana dubbatan. Isaanii fi luboota isaan waliin qabaman laba bilisa baasuuf waldaan isaanii doolaama kuma 200 fi kuma 40 baasuu ishee ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG