Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetes ,biyyoottan dhiibbaa amantaa taasisu jette maqaa dhooftee jirti


Faayilii: Ministrii dhimma alaa Ameerikaa Antonnii Biliinken
Faayilii: Ministrii dhimma alaa Ameerikaa Antonnii Biliinken

Ministeerrii dhimmaa alaa yunaayitid isteets walabuumaa amaantaa ilaalchisee ibsaa wagga mana maree bakka bu’ootaataaf dhiheessee keessatti biyyootaan dhiibaa amantaa irratii hunda’ee lammiilee isaanii irratii taasisan addaan baasuudhaan beeksisee jira.

Akka gabaasichi ibsetti, bara 2021 keessaa Chaayinaan mirgaa amaantaa irratti dhiibaa taasisuudhaan sadarkaa jalqabaa irra jirti. Minstiriri dhimmaa alaa US Antoonii Bliinken dhimma kana ilaalchisuudhaan ibsaa kennaniin,Chayinaan, warren caalaan isaanii amantaa musiliimaa hordofan, warraa Uyghuri fi hordoftootaa amantaa warren lakkoofsaann yaraa ta’anii irratti duguuggaa sanyii fi diibbaa raawwachuu itti fuftee jirti. Bara 2017 as warren saba Uyghurii, Kaazaak, Turkees fi wareen biroo miliyoonii tokko ta’an moraa mana hidhaa jinjiyaang keessatti hidhamaniiru jedhaniiru.

Antoonii Bliiken itti dabaluudhaan, Paartiin sirna Komunistii Chaayinaa, isaan amantaa Budahaa hordofan warren Tibeet irratiis hacuuccaa taasisaa jiraachuu isaa ibsaniiru.

Mootummaan chaayinaa himannaa sadarkaa adduuyaa irratti dhihaachaa jiru haluudhaan bakkeewwan mooraa hidhaatii jedhaman hunduu mooraawwan leejii ogeessumaati jechaa jiraachuun ishee gabaasameera.

Gabaasaa kana keessatti Chaayinaatti aanuudhaan Iraan, Maayinmaar, bulchiinsii mootummaa Taalibaan kan Afgaanistaan , Raashaan , Indiyaaniif Paakistaan maqaa dhahamaniiru.

Akka Bliinken jedhanitti , biyyaa dimokiraata’umaadhaan beekamtuu Indiyaa keessatti haleellaan bakeewwaan amaataati namoottan irratti raawwatu dabalaa deemaa jira. Waggootan darbaniif dhiibbaa amantaa ilaalchisee himannaa US irara dhihaachaa ture Indiyaan jabeesitee mormaa turuun ishee ni beekama. Biyyii olla Indiyaa Paakistaan yakkaa dhimmaa amantaatiin walqabateen namoottan 16 irratti murtoo adabbii du’aa dabarsuu isheetiif ,amma ammati namoonnii ajeefaman akka hin jirree gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG