Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rashaan lafa Yukreen dhibeentaa 20 too’achuu ishee ibsameera


Lola Raashiyaa fi Yukireen
Lola Raashiyaa fi Yukireen

Erga Raashaan Yukreeniin weerartee jimaataa har’aa guyyaa 100 yemuu guutee kanatti, waraanni Raashaa lafa biyyaa Yukreen dhibeentaa 20 qabachuu isaa prezidaantiin Yukreen Volodimiiyir Zelensikii Ibsanii jiru. Guyyaa kaleessaa karaa toora Marsariitiitin miseensotaa mana maree mootummaa Luuzenbargiif haasaa kan taasisan Zeleniskiin addaa waraanaa Kiiloomeetriii kuma dheeratuu irratii walwaraansii itti fufee jiraachuu isaa dubbataniiru.

Kamisaa kaleessaa akka Yuukreen jettetti kibbaa biyyatti kutaa Keheerson keessatti kan argaman gandootan fi magaalewwan 20n umnoottan Rashaa irraa bilisa bahaniiru. Karaa biraatiin, loltoonii Raashaa baha Yuukreen ,kutaawwan Doneskii fi Luhaanisk keessatti haleelaa itti fufuun isaanii gabaasamaa jira. Akka bulchaan Luhaanisk Seerhiy Haa’ida jedhanti,loltoonni Raashaa Magaala ishee dhumaa Luhaaniskii keessatti argamtu Si’eviroodoonesk dhibeentaa 70 too’ataniiru. Minsteerrii ittisaa Biritaanyaa gama isaatiin odeeffanoo kan mirkaneesuun isaa gabasameera.

Haalaa waraansaa irratii ibsii hagganaa Yuukreen kennan kun kan ifa taasifame, ergaa Prezidaantiin US Joo Bayden Rookeetii fi meeshaalee waraansaa gurguddoo bituudhaaf kan ollu gargaarsaa Dolaarii Miiliyoonii 700 biyyii isaanii kennuu ishee beeksisanii boodee akka ta’e beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG