Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Kooriyaa kaabaa irratti biyyoottan Sadii maraa taasisaniiru


Kooriyaa Kibbaa Ameerikaa fi Jaappaan
Kooriyaa Kibbaa Ameerikaa fi Jaappaan

Jiilli mootummaa us, kooriyaa kibbaa fi Jaappan dhimaa nukleeraa Kooriyaa kaabaa irratii maryachuudhaaf jimaataa har’aa magaalaa kooriyaa kibbaa See’uul keessatti marii taasisuun isaanii gabaasamee jira.

Bakka bu’an US Suug kiim, bakka bu’aa motummaa Kooriyaa kibbaa Kiim Guunii fi bakka bu’aa Jaappan Funaakooshii Takehooro wal arganii maryachuuf kan murteessan, Kooriyaan kaabaa yeroo Torbaffadhaaf yaalii dhukaasaa Nukileeraa taasisudhaaf qophii gochaa akka jirituu erga US beeksiftee booda. Koriyaan kaabaa dhukaasaa yalii nukileeraa kana kan taasisuuf deemtu ergaa barra 2017 as yeroo jalqabaatiif akka ta’e gabaasinii kun dabalee ibsuun isaa beekameera.

Koriiyaan kaabaa dhiheenyaa kana waan misaa’elaa balastikii dhukaasaa jirtuuf qoqqobiin dabalaataa akka irratti darbuu dhaabataa mootumootaa gamtoomanii irratti US yaadaa dhiheesitus, Chaayinaaniif Raashaan mana maree nageenyaa irratti waan mormaniif yaadinni US fudhatama argachuu hin dandeenyee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG