Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa fi Koriyaan Kibbaa Misaa’eela Dhukaasan


Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa misaa'elii shakallii yeroo dhukaasaan> Biyya Kooriyaa Kibbaa ta'uu malle bakka kamii akka ta'e in himamne, Waxabajjii 6, 2022
Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa misaa'elii shakallii yeroo dhukaasaan> Biyya Kooriyaa Kibbaa ta'uu malle bakka kamii akka ta'e in himamne, Waxabajjii 6, 2022

Wraanni Yunaaytid Isteetsii fi koriyaan Kibbaa har’a ganama misaa’eela Baalistiik 8 dhukaasanii jiru. Kunis Koriyaan Kaabaa misaa’eela Baalistiik kan fageenya gabaabaa 8 eega furguggiiftee guyyaa tokko booda.

Shaakala daqiiqaa 10f gaggeessan Kanaan, caasaa misaa’eela kan tooftaa lafa irraa ykn donii irraa qiyyaafata isaa galaana bahaa ykn galaana Jaappan jedhamuun beekamuu godhate, kan Amerikaa tokko akkasumas kan Koriyaa Kibbaa torba dhukaasan.

Wraannii Koriyaa Kibbaa akka jedheetti, shaakalli misaa’eelaa kun yoo koriyaan kaabaa haleellaa gaggeessite, attamiin hatatamaa fi qiyyaafata sirrii ta’een deebii kennuun akka itti danda’amu dandeetti jiru agarsisuuf kan gaggeeffamee dha.

Waraanni Koriyaa Kibbaa Dilbata kaleessaa Koriyaan kaabaa shaakala misaa’eela fageenya gabaabaa cina magaala galma mootummaa Pyoong Yaang dabalatee bakka 4 irraa daqiiqaa 35 gaggeessuu ishee hubatee jira.

Bulchiinsa prezidaantii haaraa kan Koriyaa Kibbaa jalatti, Amerikaan Koriyaa kibbaa waliin shaakala ennaa gaggeessitu inni har’a kun yeroo lammataaf ta’u isaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG