Mootummaan Itiyoophiyaa tarkaanfii seera kabajsisuu baatii dabree jalqabeen Gaazexeessoota hidhaman keessaa lama wabiin akka gadhiifaman manni murtii Finfinnee keessatti argamu har’a murteessee jira.Barruu afaan Amaaraa kan ta’e Fitih jedhamu kan qopheessuu Tamasgeen Dassaalany fi kan YuuTiyuub irratti qophii Gabayaa Nuu jedhu kan qopheessuu solomoon Shumiyyee mata mataatti wabii qarshii kuma 10 baasuuf jiru.
Manni murtii federaalaa kan sadarkaa duraa dameen Araadaa Maskaram Abarraa kan yuu Tiyubii irratti Nikaat midiyaa qopheesituu fi Yayesew shimalis kan yuu Tiyuub irratti Itiyoo Fooram qopheessu irratti polisiin qorannaa akka gaggeessuuf yeroo guyyaa 6 manni murtii kenne jira.