Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni Naashinaal Prees Kilab Jedhamu Gaazzexeessonni Itiyoophiyaa Hidhaa Jiran Akka Hiikaman Gaafate 


National Press Club Journalism Institute logo
National Press Club Journalism Institute logo

Itiyoophiyaa keeessatti himata sobaan Gaazexeesonni hidhaman akka gadhiifaman akkasumas walbummaan preesii biyyatti keessatti gad adeemaa jiraachuun isaa yaaddeessaa dha jechuun Naashinaal press klab ibsa baasee jira.

Komishiniin mirga namoomaa kan Itiyophiyaa akka jedheetti Gaazexessootaa fi kannen midiyaa keessa hojjatan namoonni 19 seeraan ala mootummaan hidhamanii jiru.Angawoonni Itiyoophiyaa immo tarkaanfiin kun kan fudhatame yaada riphxee looltoota deggeru kan jedhu ta’u ibsii kun hubachisee jira.

Garu jedha, komishinni mirga namoomaa kan mootummaan hundeesse illee, hojii preesii gaggeessan keessatti, waan seeraan alaa hojjatan jedhamuun yakka ilaalcha dursee Gaazexeessonni kun hidhamuun, seeera mootummaan ofuuma isaa midiyaaf jecha dhiyeenya kana baase morma jedha.

Kanaaf jecha Gaazexessootaa fi namoonni Midiyaa irra hojjatan hundumtuu battalumatti akka hiikaman gaafanna jedhee jiran Naashinaal Prees klab.

Kana malees mootummaan Fedeeraalaa namoota maqaa Gaazexessummaa fi Midiyaan waan mootummaan baasee faallaa deemaa jiran irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuuf ibsa dhiyeenya kana baase balaaleeffanna kan jedhu ibsi Naashnaal Prees Klab sodaachiis hamaan akkasii hawaasa keessatti iddoo hin qabu jedhe keessumaa biyya akka Itiyoophiyaa keessatti jedhe.

Bara 2018 mootummaa mummicha ministeeraa Abiy Ahamad jalatti abdiin turan garagaluun isaa mufachisaa dha jedhe, cunqursaan Gaazeexessoota irrra mootummaa duraaniin dhaqqabaa ture booda, Dr. Abiy walabummaa preesii fi jabiina Midiyaatti deggeraa akka turan yaadachiisee jra.

Naashinaal Press klab bara 1908 kan bu’urfame yoo ta’u jaarmayaa namoota ooguma Gaazexxessummaa fi sab qunnamtii qabanii ta’uun addunyaa irratti beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG