Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Raashiyaa Magaalaa Siviywesoonwak Qabachuuf Waraana Yukiewwn  Wajjiin Wal-waraansatti Jiran  


Humnootiin Raashaa magaalaa ijoo taatee kan gama kibba bahaa Zaporijaa qabachuuf yaadu jechuun Prezidaantiin Yukreen eega dubbatanii booda, humnootiin Yukreenii fi Raashaa magaalaa biyyatti gama bahaa Siviyerdoneesk keessatti wiixata kaleessaa daandii irratti wal waraanaa turan.

Haallii magaala siviyeerdoneesk keessaa sa’atii sa’atiin kan jijjiiramuu ta’u hogganaan bulchiinsa magaalatti Televiziyoona biyyatti irratti ibsanii jiru.

Prezidaant Volaadmiir akka jedhanti, humnootiin Yukreen magaalatti to’achuuf carraa hundumaa qabu turan.Kanas kan jedhan bulchaan kutaa Luhansk yukreen yukreen lafa qabatte gadhiifte jechuun eega dubbatanii booda.

Raashaa fi Yukreen inni tokko isa kaan irraa lakkoobsa namoota miidhaman ibsaa jiru.

Zeleenskiin tuuta oduuf Wiixata kaleessaa akka ibsanti, humnootiin Raashaa Zaporijaa qabachuuf yaaluu isaanii kunis gara walakeessa biyyatitti tarkaanfachuuf akka isaan dandeesisuuf jedhan.

Magaallii kun wal waraansa dura uummanni lakoobsi isaa kuma 700 caaluu keessa jiraataa tureef industriwwan hedduun kan keessatti aragamii dha.

Mummichi ministeeraa Briteen Booris Jaansan gargaarsa ittisaa kan dabalataa haaraa erguuf akka jiran mirkanii argadheera jedhan zeleenskiin.Lameenuu buufata Donii yukreen banaa gochuun rakkoo nyaataa dhabamsisuun barbaachisaa ta’u dubbatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG