Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Biyyoota Amerikaa Maaliif Biyya Ofii Irraa Dheessu? 


FAAYiLII - Lammiiwwan Meeksikoo gara Ameerikaa godaanan 
FAAYiLII - Lammiiwwan Meeksikoo gara Ameerikaa godaanan 

Qaamoonni mootummaa fi kan dhunfaa hedduu kanneen Amerikaa waaltaa keessatti misoomaa fi nageenya jajjabeessuu jedhamuun yaadaman Yunaaytid Isteets har’a kan labsitee yoo ta’u kunis, namoonnii achii irraa gara Amerikaatti godaanuu isaaniif sababaan maal akka hubachuuf ta’uun ibsamee jijra.

Itti aantuu prezidaantiin Yunaaytis Isteetes kamaalaa Haaris kaoora kana hogganuun, hogganoota daldalaa waliin wiixata kaleessaa galgala walgahuun, proojeektii dhunfaa haaraa kan Doolaaraa Biliyoona 1.9 jaarmayoota daldalaa fi ka biroof 10f ramadamuun ibsamee jira.Kan biraas muddee fullee keenyaa kan itti fufuu ta’u ibsanii jiru.

Yunaaytid Istees torban kana hogganoota biyyoota Amerikaa irraa dhufan walgahiif Loosaanjalas keessatti keessummeesuuf jiru waliin dhimmi kun wal afaan dhufe.

Yunaaytid Isteets walgahii kanaaf Kubaa, Nikaaraaguwaa ykn Veniau’eelaan akka hirmaataniif hin afeerre jechuun itti gaafatamtuun preesii kan Waayit Haawus wiixata kaleessaa ibsanii turan. Abbootiin irree afeermuu hin qaban jedhan.

Prezidaantiin meeksiskoo immo kana ilaalchisee walgahii kana irratti hin argamuu jechuun ministeera dantaa alaa biyyatti kan ergan ta’u beeksiisan.prezidaantiin Hoduraasis biyyonni Amerikaa hindii hin afeeraman taanaan walgahii kana irratti hin argamu jedhan.

Prezidaantiin Guwaatimaalaa walgahii sana irratti argamuu manna hojii biyya koo keessaa gaggeessuu naa wayya jedhan.Dhimma godaansaa kan ilaaleen meeksikoo honduraas fi Guatimaalaan michuu jaboo ta’uun Yunaaytid Isteetes waliin hojjataa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG