Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets Shaakala Itti Fufanii Jiru 


Koriyaan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets Shaakala Itti Fufanii Jiru 
Koriyaan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets Shaakala Itti Fufanii Jiru 

Kooriyyan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets jeettoota waraanaa 20 kan hirmaachiise fi jabiina humna waraanaa qilleensa irraa agarsisuu kan gaggeessan yoo ta’u kunis koriyaan Kaabaa dhiyeenyatti yaalii dhukasa Nukleeraa gaggeessuuf akka jiru mallattoon agarsiisan akka jiran ibsamee jira.

Koriyaan Kibbaa fi Yunaaytid Isteets wal ta’uun gaggeessan kun, tuttuqqaa Koriyaa Kaabaaf hatattamaa fi haala sirrii ta’een deebii kennuuf dandeetti cimaa fi fedhii jiru kan agarsisee ture jedha waraannii Koriyaa Kibbaa.

Biyyonni lameen, tuttuqqaa dabalataa Koriyaan Kaabaa gaggeesitu hordofaa jiru.

Koriyaan Kabaa dhiyeenyatti yaalii nukleeraa isa 7ffaa gaggeessuuf akka jirtu mallattoon agarsisuu kan jiru yoo ta’u, kana gochuun ishee immo muddamsa kutaa caalaatti hammeessu ta’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG