Waraanni Kaameruun loltoota isaa afur, ajjeechaa dubartoota afurii fi daa’ima tokko dabalatee siiviloota sagal irratti raaw’taniif qabee hidhuu isaa beeksisee jira.
Dubbi-himaan waraanaa akka jedhutti, kanneen waahila isaanii barbaadaa turan loltoonni sun siiviloota ganda riphxee-loltoonni itti heddummaatan keessa jiran akka waahila isaanii barbaaduu isaan gargaaran gaafatanii waan gargaarsa rraa dhabaniif itti dhukaasanii ajjeesan. Loltoonni kun kanneen gaafa Waxabajjii tokkoo ganda Kaaba Lixaa Kaameruunitti argamtu – Misoongitti bobba’an keessaa tahuus dubbi-himaan waraanaa kun beeksisanii jiran.
Kan yeroo baay’ee hin baratamiin, ibsi waraanaa badii loltoota ilaalchisee bahe kun akka beeksisetti, dubartoota afur, dhiirota afur fi daa’ima baatii kudha-saddeetii tu haleellaa kanaan ajjeesame. Mucayyoon waggaa 12maa madaa’us ibsee jira.
Kanneen nageenya isaaniif sodaachuu irraa akka maqaan isaanii himamu hin feene firoonni namoota ajjeesamanii, loltoonni sun akka namoonni gandichaa waahila isaanii barbaadanii fi bakka riphxee-loltoonni dhokatanii jiran itti agarsiisan gaafatanii waan deebii dhabaniif ajjeechaa sana raaw’atan. Jiraattonni immoo odeeffannoo kennuuf riphxee-loltoota sodaatan – jedhan. Abbaan seeraa dhimma mirga namoomaa fi miseensi Gumii Abboota Seeraa Kaameruun, gochaan akkanaa loltoota mootummaan kun isa jalqabaa miti, jedhu.