Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Ol Iyyannaa Dachi Dhalata Itiyoophiyaa Ajjeechaa “Hookkara Diimaa”n Yakkame Tokkotti Murtii Raggaasise


Manni murtii ol iyyannoo Dach himannaa lammii Itiyoophiyaa baleessaan itti murame hidhaa umurii guutuun adabe

Manni-murtii ol iyyaannaa Dach, ka biyya Neezerlaands kan umuriin 67aa dhalata Itiyoophiyaa lammii Dach tokko irratti badii muramee fi adabbii umurii guutuu murteessame irra-deebi’ee raggaasisee jira.

Sababaa dhukkubsatuuf kan mana-murtiitti dhihaachuu hin danda’iin himatamaan Isheetuu Alamuu jedhaman bara 1970moota keessa yeroo mootummaa Dargii yakka Itiyoophiyaa keessatti raaw’ataniif adabbichi itti murame. Obbo Isheetuun akka murtiin kun irraa kaasamu ol iyyataniyyuu, Mana-murtii Ol Iyyannaa Magaalaa “Ze Heeg” keessatti argamutti, dameen yakka idil-addunyaa, himatamtihi ajjeechaa “Hookkara Diimaa” bara 1977 hanga 78tti hoogganaa abbaa irree Mangistuu Hayilamaariyaam jalatti geggeessame keessaatti qooda fudgateen yakkuun murtii kana itti raggaasise.

Ajjeechaa “Hookkara Diimaa” kan dhaabbatni mirga namoomaa “Hiyuumaan Raayitis Waach” – “ajjeechaa jumlaa harka lafa jalaan mootummaan geggeessame Afrikaa keessatti guguddoo tahan keessaa tokko” itiin jedhe kanaan barattoota yunivarsitii, beektotaa fi namoota siyaasaa – walumaa galatti gara kuma 100 fi kuma 50 tu dhume jedhu, ogeeyyiin hagi tokko.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG