Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Sharafaa Maallaqaa Seera-maleessa Dadhabsiisuuf Jecha Qajeelfama Haaraa Baase


Baankii byyoolessa Itiyoophiyaa
Baankii byyoolessa Itiyoophiyaa
Itiyoophiyaan jijjiirraa maallaqa alaa haala wayyaawaan to’achuu fi gabaa jijjiirraa maallqaa seeraa alaa yokaan “Black Market” dadhabsiisuuf jecha ka tartiibaan tarkaanfii fudhataa jirtu tahuun gabaasamee jira. Haaluma kanaan, bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Dr. Yinnaager Dasee, Baankiileen daldalaa Itiyoophiyaa dameelee isaanii naannoo Sonaalee keessaa, ka Togoocaalee fi magaalee daangaa irraa biroo keessa jiran tajaajila isaanii akka gad-xiqqeessan ajajanii jiru.

Akka qajeelfama haaraa bahe kanaatti baankiilee birkiitti hawaasa naannoo baankiilee sanaa jiraatu irraa kan hafe daldaltoonni maallaqa callaadhaan galchuu fi baasuu akka hin dandeenye taasisamee jira. Akka bulchaan Baankii Biyaalessaa Itiyoophiyaa, Dr. Yinnaager Dasee Sagalee Ameerikaatti himanitti, qajeelfamni akkanaa bahuun adda addummaa gatii sharafa alaa gabaawwan seeraa alaa fi baankiilee gidduutti bal’atee jiru dhiphisuutti akeekkamee ti.

Naannoo Somaalee keessatti kan argamtu magaalaan daangaa irraa Toogoocaaleen magaalaalee gabaa sharafa maallaqaa seeraa alaa yokaan “Black Market” jedhamuun beekaman keessaa tokko tahuu ka dubbatan – Dr. Yinnaageer, magaalaalee daangaa irraa kanneen akka Matammaa fi Duptii keessattis qajeelfamichi haaraan kan hojii irra oolfamu tahuu hubachiisanii jrian.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG