Xurree ittiin seenan

Breaking News

Durataa’an gamtaa Afirikaa Mootummaa yuukreeniif gaafii dhiheessan


Dura ta'aa Gamtaa Afrikaa fi Prezidaantiin Seenegaal Maakii Saal Yuukreen , Bara 2019.
Dura ta'aa Gamtaa Afrikaa fi Prezidaantiin Seenegaal Maakii Saal Yuukreen , Bara 2019.

Dura taa’an gamtaa Afrikaa fi Prezidaantiin Seenegaal Maakii Saal Yuukreen buuftaa doonii Odeessaa isaa dhodhoowaa galaana keessaan cufamee bantee ykn "dimine," gootee Qamadiin akka achiin fe’amuu danda’uu gaafachuun isaanii gabasameeraa.

Maakii Saal kaleesaa Paariis keessatti walgahii ministirootaa dhaabbataa walti dhufeenyaa diinagdee fi misoomaa (Organization for Economic Co-operation and Development) irratti haasaa taasisaniin, yukreen irraa Qamadii gara Afrikaatti fe’uun itti fufuu baannaan haalii beelaa hamaan Afrikaa keessatti umamuu ardicha tasgabbii dhabsiisuu danda’a jechuu isaanii dhaabileen Oduu biyya Fraans "France 24 fi RFI gabaasaniiru.

Yuukreen garuu dhodhoowaan galaanaa jalatti buufata dooniiti marsitee jirtu sana yoo kaafette Raashaan akka salphaatti buufata doonichaa qabachuu dandeessi jechuudhaan gaafii dura taa’aa gamtaa Afrikaa hin fudhanne. Torban darbee prezidaantii Raashaa Vilaadimiir Puutin wajjin kan wal argan Maakii Saali dhimma kana kaasanii dubbachuu isaanii ibsanii , puutins, yoo Yuukreen dhodhoowaa buufata doonii Odeesaa irraa kaaftee waraanni isaanii akka gara sanatti hin deemnee waadaa akka seenaniif ibsuun isaani gabaasameeraa.

Maakii Saalii omisha Qamadii Raashaa irraa fe’uudhaaf walgalteen uumamus mootummawwan Awurooppaa sochii baankiwan Raashaa(TWIFT Bank) irratii waan qoqqobii labsaniif , biyyootan Afrikaa karaa baankotaa Awurooppaatiin qarshii dhabarsuu akka hin dandeenyee ibsameeraa.

Dhimmaa kan fi kanneen biroo irratti prezidaant Maakii Saal fi preszdaantin Fraans Emanu’eel Maakiroon jimaataa Har’aa marii taasisuun isaanii beekameeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG