Amajjii 6, 2021 deggertoonii prezidaantii alasii Doonaald Traamp masaraa mootummaa umnaan cabsanii galuudhaan gochaa isaan raawwatan qorachaa kan turee Koreen mana maree bakkaa bu’oota mootummaa Yunaayitid Isteets bu’ii qorannoo isaa kan jalqabaa guyyaa kaleessaa dhiheesuu eegalee jira.
Prezidaantiin duraanii Doonaald Traamp yaalii fonqolchuu anngoo raawwachuu isaanii ibsii koreen kun kenne hubachiiseera.
Koree demokraatota 6 fi repablikaanotaa lama of keessaa qabu, qorannoo wagga dhaaf taasifamaa turee kan geggeesse kanaaf dura taa’aa kan ta’an Beenii Toomson bu’ii qorannoo isaanii ilaalchisuudhaan yaadaa kennaniin,
"Wareen masaraa mootummaa ykn kaapitool ti namm’anii fedhii ummataa isaa aangoo waldhbarsuu dabarsuu danquudhaaf barbaadan diinaa heeraa kan biyya keessaati. Kanas kan raawwatan pezidaantii US irraa jajjabiinsa argataniini. Prezidaantiin US sirna anngoo walii dabarsuu waggootan 220 ture dhaabsisuudhaaf yaalan," Jedhaniiru.
Miseensaa paartii Repabilikotaa kan ta’an fi miseensii koreechaa Liiz cheenii gama isaaniitiin Prezidaant Traamp wareen jeequmsaa rawwataniiru jedhamanf akka waamichaa taasisaniif akka qindeesan dubbataniiru.
Mana maree bakka bu’ootaatti miseensotaa paartii Repablikootaatiif hogganaa kan ta’an Keeven Maakaartii koreen gama isaaniitiin,
"Seenaa Amerikaa keessatti koree siyaasumaan baayee fi seerummaa yaraa ta’e qabuudhaa. Repabilikaanota irratti dhiibbaa gochuudhaaf aangoo kongireesii itti fayyadamee, haala seeraa cabse,mirgaa haasaa siyaasaa lammiilee biyyatti kan haaleedha," jedhaniiru.
Koreen Gochaa Amajjii 6/2021 qorate kun guyyaa jalqabaatiif ragaa ba’uumsaa miseensaa Poolisii masaraa mootummaa kan turteef nama ogeessaa fiilimii ta’e kan guyyaa Sanaa gochichaa waraabaa ture kan dhageefatee yemuu ta’u sirnichii guyyaa Afuriif kan itti fufuudha jedhameeraa.
Koreen kun tarkaanfii seeraa fudhachuu anngoo kan hinqabu. Qorannoo isaa irratii yaadaa xumuraa kennuudhaan garaa ministeeraa dhimmaa haqaatii kan dabarsee hijii isaa raawwaata. Gochaa Amajjii 6 kanaan walqabatee amma ammaatti namoonnii 725 qabamanii hidhamuun isaanii beekameera.