Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yuukreen akka lola cimaa keessa jiran Ibsan


FAAYILII - Prezidaantii Yuukreen, Volodiymiir Zeleniskii

Lolli waraanii Yuukreeni fi Raashaa magaalaa baha Yuukreenitti argamtuu Seeviroodoniskii too’achuudhaaf taasisaa jiran lola isaa jabaa akka ta’e prezidaantiin Yuukreen Volodiymiir Zeleniskii ibsaniiru.

Lolchi jabaa ta’us waraanii isaanii weerara Raashaa of irraa ittisaa akka jiru kan dubbatan Zeleniskiin, "Karaa kutaa Zaaporiziizihiyaatiin haalii ykn fooyya’iinsii gariin jira. Bakka toftaa weerartootaa itti fashaleessuun danda’amuudha. dhaawwataan garaa kutaa Khaarkiivitti socho’aa jirra. Laffa keenyaa bilisoomsaa. Kallatti Maaykolaa’iv irratti ittisaa tolfannee jirr," jedhan.

Gargaarsaa biyyoottan Awurooppaa irra deebi’anii kan gaafatan Zeleniskiin, Raashaan karaa Qamadiin, Boqqolloon, Zayitiin nyaataa fi omishaaleen midhaanii adda adda itti fee’amuu danda’an buufataalee doonii cufuudhaan ummata Adduunyaa beelessaa jirtii jechuudhaan balaaleffachuun isaanii gabaasameeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG