Mootummaa Fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa uummata Tigraay giddutti, Taanzaniyaa keessatti marii gaggeessuf qophiitti jirama jechuun Gaazexaan biyya Faransaayii tokko gabaasee jira.Angawoonni bulchiinsa naannoo Tigraaya ibsa dhuma torban dabree irra baasniin,TPLF Tigraay Dhiyaa konyaa walqaayit irratti gaaffii abbummaa qabu dhiiseera jechuun kan gabaase fudhatama dhabsisee jira.
Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa, Twiitarii irratti akka barreessanti, mootummaan bulchiinsa naannoo Tigraay kaayyoo fi ejjennaan qabu kan ifatti kan labsamee, lafa Tigraay kan ta’e kam iyyu karaa nagaanis s ta’e kan biraa danda’ame maraan dhiyeenyatti deebisisuu dha. Kunis dhiyeenyatti ta’a jedhan.
Gama kaaniin, prezidaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa Yiliqaal Keffalee walgahii uummataa irratti waa’een walqaayit kan irratti mari’atamuuf deemu miti jedhan.walgahii uummataa magaala Gondar keessatti gaggeeffameen, dhimmi walqaayit irratti marii akka gaggeeffamu hin fehdu. Kun sarara dimaa darbuu dha jechuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.