Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Raashiyaa fi Yukireen Magaalaa Gama Dhihaa Sviyeerlodonesk Keessatti Wal Waraanaa Jiru


Aaaraa magaala wal waraasni itti geggeeffamaa jiru Sviyeerlodonesk keessaa mullatu, Waxabajjii 13, 2022.
Aaaraa magaala wal waraasni itti geggeeffamaa jiru Sviyeerlodonesk keessaa mullatu, Waxabajjii 13, 2022.

Humnootiin Yukreenii fi kan Raashaa magaalaa gama dhiyaa yukreen siviyeerdonesk keessatti fageenya meetra tokko tokkoon haala dandeesisuun wal waraanaa kan jiran ta’u kan ibsan prezidaantiinYukreen Voladmiir Zeleenskii ibsanii jiru.

Yukreen caasaa ittisa misaa’eelaa kan ammyyaaa ishee barbaachiisa jechuun Zeleenskiin michoota isaanii kan addunyaatti iyyataa yeroo jiranti haalli kun uumamee.

Sagalee dhiyeenya kana vidiyoon dhiyaate irratti zeleeniskiin kutaalee gama dhiyaa fi anni Raashaa garakka jedhanti, Raashaan kaayyoo toofta qabeessa ijoon qabdu hin jijjiiramne .Waraanni Raashaa magaalaalee 3 kan gara dhiyaa siviyeerdoneesk kibbaa dhiyaan dhiibaa jiru.

"Waraanni Raashaa humnootii dabaree eeggatan dabalataan Donbaas keessa qubsisuuf yaalaa jira.Garu waraana kanaaf ooluu maal qabu? Kanneen leenjii ga’a hin qabne fi haala dhoksaa ta’een walitti qabee gara wal waraansaatti naquu kan barbaadan fakkaata. Jeneeraalonni Raashaa lakoobsa namaa heddumiina qabu dirree waraanaatti bobbaasuu sana akka meeshaa waraanaatti ilaaluun itti gargaaramaa jiru" Jedhan - Prezidaantichi Yukireen, Zeleniskiin.

Lubbuu namoota gam lameen irraa dhumanii mirkaneessuun rakkisaa ta’uus, Zalanskiin akka jedhanti Raashaa jalaa baatii keessa jirru Waxabajjii keessa kuma 40 caaluu mala.

Ministeerrii ittisaa kan Briteen har’a akka jedheetti, wal waraansii naanoo siviierdoneskti gaggeeffamu guyyoota dhiyeenya kana keessa hammaachuu itti fufee jira.

Waraannii Raashaa duula laga ce’uun gaggeeffamuuf dandeetti qabaachuun isaa, ji’oota dhufan keessa duula waraanaa gaggeeffamuuf jiru keessatti, waan akkaan barbaachisoo ta’an keessaatokko.

Humnootiin Raashaa Dilbata kaleessaa warshaa keemikaalaa siviyeer donesk keessaa kan looltonnii fi siviloonni hedduun bakka daahannaa taasiifatan haleelanii jiru.

Garu bulchaan kutaa Luhaansk akka jedhanti, warshaan kun amma iyyu to’annaa Yukreen jala jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG