Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkara Amajjii 6, 2021 Waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis Irratti Geggeessameen Wal-qabatee Yakka Ilaalchi Sirnaan Geggeessamuuf Jira 


Hookkara Amajjii 6 Bara 2021 Waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis Irratti Geggeessameen Wal-qabatee Yakka Ilaalchi Sirnaan Geggeessamuuf Jira 
Hookkara Amajjii 6 Bara 2021 Waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis Irratti Geggeessameen Wal-qabatee Yakka Ilaalchi Sirnaan Geggeessamuuf Jira 

Amjjii 6 kan bara dabree jechuun 2021 mana maree Yunaaytid Isteets irratti hokkara gaggeeffame kan ilaaleen wiixata har’a ifatti yakka ilaalchii guyyaa lammataa gaggeeffamuuf jira.

Maanaajaara duula prezidaant Traamp gaggeessaa turanii namoota har’a dhiyaatan keessaa tokko ta’uu fi inni har’a kun filannoo gaggeeffame irratti shiiratu hojjatamee jechuun himata hundee hin qabne kan Traamp dhiyeessaa turan irratti fulleeffata.

Miseensoonni koree qorannaa gaggeessuu Dilbata kaleessaa akka jedhanti,yakka ilaalcha gaggeeffamuuf jiran keessatti Traamp filannoo gaggeeffameen injifatamuu ituu beekanii deggertoota ofii akk hokkara hammeeessan gochuu isaanii ragaan agarsisuuf dabalataan dhiyaschuuf jira.

Traamp injifatamuu isaanii akka dansaatti beeku jechuun CNN irratti kan dubbatan Miseensa kongreesaa fi Deemookraatichi kutaa Meeriilaand Jamii Raaskin, akka Traamp oduu sobaa facaasan namnii waan yaaduu danda’uu ni beeka jedhan.

Haga har’atti illeen filannoo baatii sadaasa bara 2020 gaggeffameen Deemookraaticha Joo Baaydaniin injifadheera jechaa jiru jedhan.

Gochii Traamp kunDeemookraasii keenya irratti haleellaa guddaa akka jajjabeessuutti ilaalama jedhan Raaskiin.

Miseensii kongreesaa fi Deemookraatichii kutaa kaaliiforniyaa Adam Shiif Televiziyoona ABC jedhamu waliin gaaffii fi deebii gaggeessaniin,Traamp hokkarri kun gaggeeffamaa yeroo jiru hanga saatiilee hamma tokko boodaatti illee dhaabsisuuf waan tokko hin goone .

Torbanneen lamaan kana keessatti yoo xiqqaate yakka ilaalchii banaa ta’e kun 6 gaggeessuuf karoorfamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG