Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Tigraay Waa’ee Marii Nageenyaa Irratti Ibsa Kennan


FAAYILII - Prezidaantii Naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon Gebremikaa'el
FAAYILII - Prezidaantii Naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon Gebremikaa'el

Prezidaantiin bulchiinsaa naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el waa’ee marii nageenyaa taasisuu mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee, waa’ee gargaarsa namoomaa fi wa’ee ibsaa mootummaan Eertiriyaa kenne irratii magaalaa maqalee keessatii ibsa kennaniiru.

Marii nageenyaa ilaalchisee amma ammatii wantii jalqabamee akka hin jire kan dubbatan Dr. Debretsi yoon, bu’ii marii dhiheenyaa kana sabaa wajjin taasifame irrati hundaa’uun fedhii sabaa akka hordofan ibsuu isaanii gabaasin Mulugeetaa Atsibehaa Maqalee irraa qindeesse beekseseera.

Gargaarsaa namoomaa ilaalchisee fooyya’iinsii akka jiru kan dubbatan Dr. Debretsiyoon, hanqinii boba’aa waan jiruuf gargaarsaa namoomaa bakkaa adda addaati waan raabsuun hin danda’amneef, gargaarsii caalaan magaalaa maqalee keessatii kuusamee jira jedhaniiru.

Haalaa Ertiraadhaa wajjin jiru ilaalchisee kan dubatan DR. DebreTsyoon, Eritiraan lafa Tigraay qabatee akka jirtu himanii qaamnii Tigiraay keessatii badiinsaa raawwate waraanaaf qophaawaa jiraachuun ibsuun isaa waan nama dhibu ta’uu isaa akka dubbatan gabaasinni Mulugetaa Atsibahaa ibseeraa.

Muumeen Ministeeraa Itiyoophiaa Abiy Ahmed mana mare bakka buu’ootaa mootimaa isaaniif ibsa kennaniin Mootumaan isaanii bulchiinsa naannoo Tigraayoiio waliinmarii taasisudhaa koree hundeesuu isaa ibsuun isaanii gabaasaameera.

Mootummaan Ertiraa daangaa Tigraay Irratii waltii bu’iinssi umamuu isaa ibsee lolaaf qophaawaa ta’uu isaa caamsaa 27 bara 2022 baasee keessatii eeruun isaa waan beekamuudha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG