Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoofsi Baqattoota Adduunyaa Dabaluu UNHCR Beeksiseera 


FAAYILII - Ijoollee baqattoota Sudaan Kibbaa, Yidaa keessatti, Guraandhala 20, 2018
FAAYILII - Ijoollee baqattoota Sudaan Kibbaa, Yidaa keessatti, Guraandhala 20, 2018

Walwaraansaan, hookkoraan, soda dararama hidhaa fi sarbiinsa mirgaa namoomaa irraa kan ka’ee sadarkaa adduunyatti namoonni miiliyoonii 89. 3 ta’an dumma wagga darbee keessaa jireenyaa isaanii irraa akka buqa’an dhaabbata mootummoota gamtoomanti jaarmiyaan dhimma baqattootaa irratti hojjatuu UNHCR beeksiseeraa.

Komishineriin olaanaan UNHCR Filippoo Graandii akka jedhanitti weerara Raashaan Yuukreen irratti raawwateen kan ka’e namootta jireenyaa isaanii irraa buqqa’an Miiliyoonii 12 amma miiliyoonii14 ta’an yemmuu itti dabalaman lakoofsichii garaa miiliyoonii 100 gahuu ni danda’a.

Yemuu xiyyeeffanaan aduunyaa yuukreen irratti luuccefatee jiru kanatti mootummaawan wareen yuukreeniin dursaniifs gargarsaa attatamaa taasisuu irratti akka xiyyeefannaa kenuu qaban kan gaafatan Filippoo Graandii itti dabaluudhanis akkana jedhaniiru.

“Dhuma barra 2020 ti kaasee amma 2021Itiyoophiyaa qabna. Haalaa Afgaanistaan gannaa darbee qabna. Fakkeenyaaf, Siiriyaa, Sudaan kibbaa. Gaaffii baqattootaa Palastayin. Wareen kun rakkoowaan yeroo dheeraadhaaf lakkoofsaa irratii dabalamani jiranuudhaa.”

Akka UNHCR jedhetti wagga darbe lakoofsii baqatootaa miiliyoonii 27 kan dabalee yemuu ta’u,lakoofsii namoottan sababa walti bu’iinsaa biyya isaanii keessaa jiruun, jireenyaa isaanii irraa buqa’an Miiliyoonii 53.2n dabalee jira. Baqtootaa kana keesaa dhibeentaan 80 biyyotaan hiyeeyii dhaaf galii walakkeesaa qaban keesaa warren jiraniidha.

Akka gabaasinii UNHCR dabalee jedhetti, biyyoottan shan Siiriyaan, Veenzuweelaan, Afgaanistaan, Sudaan kibbaa fi Maayinmaar lakkoofsaa namoottan qe’ee isaanii irraa bu’qqaniin harka sadii keessaa qooda haraka lama qabu. Baqattootaa simachuudhaan biyyii Tarkii Kolombiyaa, Yugaandaa, Paakistaan fi Jarmanii olitii tokkofaa irratti argamti.

Baqattoota hedduu qubachiisuudhaan Yunaayitid Isteets biyyoottan Adduunyaa irara tokkofaa irraa akka jirtu gabaasinii Lisaa Shilaayeen jenevaa irraa qopheesite ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG