Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoggantoonni Biyyoottan Awuroopaa Yuukireeniin Dawwatan 


Hoggantoonni biyyoottan Awurooppaa Sadii, prezidaantiin Fraans Emanu’el Maakiroon, Chaansilaariin Jarman Olaaf Shuulz fi Muumeen Ministeeraa Itaali Maariyoo Draagiih , pirezdaantii Yukireen wajjin, Waxabajjii 16, 2022
Hoggantoonni biyyoottan Awurooppaa Sadii, prezidaantiin Fraans Emanu’el Maakiroon, Chaansilaariin Jarman Olaaf Shuulz fi Muumeen Ministeeraa Itaali Maariyoo Draagiih , pirezdaantii Yukireen wajjin, Waxabajjii 16, 2022

Hoggantoonni biyyoottan Awurooppaa Sadii, prezidaantiin Fraans Emanu’el Maakiroon, Chaansilaariin Jarman Olaaf Shuulz fi Muumeen Ministeeraa Itaali Maariyoo Draagiih kamisa har’aa magaalaa yuukreen Kiyeeviin dawwatani Prezidaantii Yuukreen Volodimiyir Zeleniskii wajjin marii taasisun isaanii gabasameeraa. Prezidaantiin Fraans Emanu’eel Makiroon dawwanaa isaanii ilaalchisee ergaa gabaabaa dabarsaniin, yeroon isaa yeroo barbaachisaa ta’u isaa dubbatanii "ergaa tokkummaa lammilee yuukreeniif dabarsuudhaaf," jechuun isaanii ibsamera.

Daawwannaan kun kan taasifame Komishiiniin Awurooppaa Yuukreen miseensa gamtaa Awurooppaa ta’uudhaaf akka kaadhimamtu murteesuudhaaf yemmuu itti yaadaa jirutti jedhameeraa.

Karaa biraatiin ,Yuunayitid Isteets gargaarsaa meeshaa waraanaa Doolaara Biiliyoonii Tokkoo dabalataan yuukireeniif erguudhaaf Roobii kaleessaa murteesiteetti.

Dubbi himaan mana maree nageenyaa biyyalessaa Joon Kerbii , oduu gabaastotatti akka himanti gargaarsii marsaa 12ffaa dhaaf taasifame kun meeshaalee waraanaa gurgudaa fi meeshaalee waraanaa kan akka Raadiyoo loltootaa, meshaalee halkan agarsiisuu danda’en kan ittin bitamanuudhaa jedhameeraa.

Joon Kerbii akka dabalanii ibsanitti, ergaa Raashaan Guraandhala 24 Yuukireeniin weerartee as, gargaarsaa namoomaa isaa Prezidaant Baayiden Roobii kaleesaa labsan Miiliyoonii 225 dabalatee Yuunayitid Isteets degersaa namoomaa doolaaraa Miiliyoonii 914 yuukreeniif taasisuu ishee ibsuun isaanii gabasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG