Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Komishina Marii Guutuu Biyyaa Hundeeffamee Bulchaa Godiina Sidaamaa Dubbisan   


FAAYILII - Taankii humnoota Tigraay bira yeroo dargaggoonni darban, Tigiray, Mudde 11, 2020.
FAAYILII - Taankii humnoota Tigraay bira yeroo dargaggoonni darban, Tigiray, Mudde 11, 2020.

Komishinni marii guutuu biyyaa kan Itiyoophiyaaf itti gaafatamaa Komishiinaraaa kan ta’an Proofeesar Masfiin Araayaa mariin kun sadarkaa gadii irra jalqabee ballinaan kan gaggeeffamu ta’u ibsan.

Komishiniin kun naannoolee adda addaatti imaluun aangawoota naannoo waliin akka dubbatu, kunis marii guutuu biyyaa qopheessuuf kan gargaaru ta’u Profeesar Masfiin ibsanii jiran.

Akka kanaaniis komishiinichi har’a prezidaantii bulchiinsa naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Kedaamoo waliin dubbachu isaa Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Kanneen ammaan dura yaada isaanii Sagalee Ameerikaaf kennanii turan hoogganoonni paartiilee siyaasaa sadii, kan KFO, Kan Arena Tiigray fi kan Izema, akkaataan miseensonni koomishinichaa itti filataman kan hunda hirmachise miti, jechuudhaan deemsa amma qabatameen furmaata fida jedhanii akka hin amanne ibsuun isaanii hin dagatamu.

Gama biraatiin immoo hoijiin koomishinichaa dhimmoota adda addaa irratti garaagarummaa jiru irratti marii lammiwwan Itiyoophiyaa hirmaachisu taasisuu fi haalawwan waliigaltee uumuu dandeessisan miijessuu qofa tahuu kan ammaan dura ibsanii turan – hoogganaan koomishinichaa – Proofesar Masfin Araayaa, deemsicha keessatti paartiilee siyaasaa dabalee qaamota fedhii qaban mara kan hirmaachisu tahuu dubbatanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG