Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalatonni Tigraay Hidhaman Isa Tokkumoomaan Mootummootaa Tilmaame Ka Caalu Tahuu Rooyiters Gabaase  


FAAYILII - Miseensonni humna waraanaa Itoophiyaa Kaaba Maqalee an jirtu Aguwaalaa kessaa yeroo darban, Tigraay, Caamsaa 8, 2021
FAAYILII - Miseensonni humna waraanaa Itoophiyaa Kaaba Maqalee an jirtu Aguwaalaa kessaa yeroo darban, Tigraay, Caamsaa 8, 2021

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti wal waraansa jalqabamee baatilee kudha sagal lakkoobsisee keessatti dhalattonni Tigraay kuma hedduun yakka ilaalchatti ituu hin dhiiyeffamiin laftii itti hidhamanii ka’aman kurna tokko arguu isaa Rooytars gabaasee jira.

Tokkummaan Mootummootaa akka tilmaameetti baatii Sadaasaa fi Guraandhala giddutti qofa dhalattonni Tigraay 15,000 caalantu hidhame.Yeroo sana labsii yeroo hatattamaatu hojii irra oolee ture.

Namoota amma iyyu hidhaa keessa jiranii fi hidhamanii hiikaman 17 dubbisuu isaa kan ibse Rooytars suuraa saatalaayitii waabeeffachuun kan Tokkummaan Mootummootaa hidhaman jechuun tilmaamee sana kuma sadiin caala jedhe.

Gameessii paaartii mormituu Tigraay Haayiluu Kabbadaa kanneen hidhaman kuma kuna hedduu dha jedhan.Gabaasnii jiru, dhalattonni Tigraay kuma sagal caalaan amma iyyu hidhaa keessa jiru kan jedhu yoo ta’u kun immo isa mootummaan Fedeeraalaa irra jireessi gadhiifamanii jiru jedhu sana faalleessa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG