Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Baqattoota Addunyaa Waxabajjii 20 Ayyaaneffama  


Faayilii - Guyyaa Baqattootaa Addunyaa sababeeffachuudhan deeggartoonni mirga Baqattootaa hiriira Waashingitan Diisii keessatti geeggeessan, Bara 2017
Faayilii - Guyyaa Baqattootaa Addunyaa sababeeffachuudhan deeggartoonni mirga Baqattootaa hiriira Waashingitan Diisii keessatti geeggeessan, Bara 2017

Tokkummaan Mootummootaa guyyaa kana Wiixata fullee keenyaa kabajuuf kan jiru yoo ta’u baatii Guraandhala dabree Raashaan ituu Yukreeniin hin weerariin dura lakkoobsii baqattoota addunyaa irra jiranii Miliyoona 89 ture jedha.

Kanneen Yukreen keessaa dheessan dabalatee lakkoobsii kun Miliyoona 100 caalaa jedhe.Komishinarrii olaanaan kan waa’ee Baqattootaa Filiippoo Graandee akka jedhanti hundi keenya yeroo ammaa Yukreen irratti fulleeffannee akka jirru yaadachuu qabna.

Garu waan ilaalacha hatattamaa argachuu qaban hedduu booda waa’een Yukreen dhufuun jedhan.

Dhaabatii kun haala addunyaa irraa kan ilaalchisee gabaasa baaseen bara dabreee rakoon biyyoota shan jechuun Siriyaa Veneezu’elaa Afgaanistaan Sudaan Kibbaa fi Maaynamaar keessatti uumamee namoota manaa fi qe’e ofii irraa godaanana harka 70 qabatee ture.

Afgaanistaan keessatti uummata Miliyoona 24tu gargaarsa dhala namaa barbaada. Dinagdeen isaanii dadhabaa yoo ta’u Taalibaan dubartootaa fi shamarran irratti ugguura dabalataa ka’aa jira.

Dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa(UNHCR ) akka jedhutti, dhiibaan kun hundumtuu lammiwwan Afgaanistaan Miliyoona 2.7 biyya ofii gadhisanii akka ba’am dirqisisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG