Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayijeeriyaa Manneen Amantaa Kiristaanaa  Lamarratti Haleellaan Raaw’atame  


Sirna geggeessa namoota haleellaa godhamen ajjeefamanii, Owoo, Naayjeeriyaa, Waxabajjii 17, 2022
Sirna geggeessa namoota haleellaa godhamen ajjeefamanii, Owoo, Naayjeeriyaa, Waxabajjii 17, 2022

Dilbata kaleessaa kutaa Biyya Nayijeeriyaa kibba-lixa kaaduunaa keessatti haleellaa hidhattoonni waldaa amantaa Kiristaanotaa Lama irratti raawwataniin namoonnii Sadii du’anii heduun immoo butamuun isaanii gabaasamee jira.

Namoottan ijaan argan waabefachuudhaan Timootii Obi’ezuu Abuujaa irraa akka gabaasetti, hidhatoonii mootersaayiklidhaan gara ganda Kaajuuruutti imalan, waldaa Kiristaanaa kan Kaatolikii Seent Moosis jedhamuu fi waldaa Protestaantotaa Maranaataa Baabtist jedhamu kan ganda Ruubuuti argamu irratti dhukaasaa bananii namoottan Sadii battalumatti Ajjeesaniiru. Lamaa immoo madeessanii, namoottan Lakkoofsii isaanii hin beekamne immoo butaniiru.

Waxabajjii 5/2022 namoonni qawwee AK-47 hidhatan bulchiinsaa kibba-lixa biyyatti Oondoo keessatti bakka Oowu jedhamutti mana amantaa kaatoliikii Seent Fraansiis jedhamu irratti haleellaa Raawwachuudhaan amantootaa 40 ajjeesanii 87 madeessanii turan.

Haanga’oonii mootummaa gochaa kanaaf garee Isilaamiik Isteet Afrikaa lixaa keessatti argamu balaaleffataniiru. Jimaataa dheengaddaa sirna awaalchaa namoottan balaa sanaan du’anii irratti kan argaman haanga’oonni waldaa kirstaanaa kaatoolikii , mootummaan nageenyaa biyyatti eeguu hin dandeenye jechuudhaan komataniiru.

Kanneen keessaa hogganaan amantaa kaatoliikii kutichaa bii shoop Imaanu’eel Baadeejoo isaan tokko. Akana jedhaniiru.

“Waan kiristaanaa taaneef du’uu egachuudhaan reenfaa miilaan deemu miti nu. Nu of ajeechaaf sababa miti. Kanaafuu hoogantoota keenyaa gafaachuudhaaf dirqamnee jirra. Ammayyuu isin hoggantootaa keenyaa? Waraansaa keessa jirraa? Kana caalaa meeqatuu du’uu qaba?”

Waldaan kirstaanotaa naayijeriyaa, biyyatti keessatti mannoottan amantaa Kirstaanaa bakka haleelaan hidhatootaa itti xiyyeefatee ta’uu isaa akka ibse Asooshiyeetid Prees gabaaseeraa.

Ji’a bitootessaa keessaa kutaa biyyaaa Kaaduunaa keessaa baabura namoottan fe’ee adeemaa jiru irratti hidhattoonii dhukaasa bananii imaltootaa 9 ajjeesanii namoottan 66 butanii turen . warren butaman keessaa namoottan 51 hanga ammatti hin argamne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG