Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waxabajjii 19 Yeroo Lammafaadaaf Guyyaa Ayyaanaa Feederaalaa Ta’uun Kabajameera


Kabaja Juuntiinzi sababeefachuudhan uffatata gabaadhaa dhihaate, magaala Los Anjeles, Waxabajjii 18, 2022
Kabaja Juuntiinzi sababeefachuudhan uffatata gabaadhaa dhihaate, magaala Los Anjeles, Waxabajjii 18, 2022

Yunaayitid Isteets keessatii Juuntiinzi kaleessa, waxabajii 19 yeroo lammaffaadhaaf guutummaa biyyatti keessatti kabajemee ollee jira. Ayyaanni kun guyyoottan addaa feederaalaa ta’ee kabajamuu kan jalqabe ergaa prezidaantiin US Joo baayiidan wagga darbee waxabajjii 17 /2021 maltatoo isaaniitiin raggasisanii boodaa.

Guyyaan kun kan kabajamuu waxabajjii 19 bara 1865 kutaa biyyaa Teeksaas magaalaa Gaalviston kan too;ate waraanii biyyatii guyaa raawwannaa garbumaa fi xumuraa walwaraansa Amerikaa labsuu isaa sababeffachuudhaan.

Labsiin xumura gabrummaa prezidaantii yeroo Sanaa Abrehaam liinkeniin kan labsamee Amajii 1 barra 1863 ta’uus Teeksaasiin dabalatee kutaalee kibba biyyatii keessatii amma 1865 akka ture ni beekamma.

Yeroo amma Yunaayitid isteets keessatti sadarkaa biyaalessatii guyyaawan saba gurrachaatiin walaqabate guyaan kabbajamu lamma yemuu ta’an inni jalqabaa Amajii 15 wagga waggaadhaan kan kabajamu guyyaa dhalootaa falmaa mirgaa saba guraachuu Dr. maartiin Luutar kiing Lammaffaaaati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG