Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoottan Afrikaa Bahaa Walon Loltoota Gara Ripublikii Dimookiraatawa Koongootti Erguuf Mari’atan  


FAAYILII - Miseensonni waraanaa Koongoo yeroo Bunangaadaa seenan, Onkoloolessa 30, 2013.
FAAYILII - Miseensonni waraanaa Koongoo yeroo Bunangaadaa seenan, Onkoloolessa 30, 2013.

Hogantoonii biyyootan baha Afrikaa magaalaa Nayiroobii keessatti wal arguudhaan akkaataa waraana waloo koomgoo demokraatiik Ripaabiliik keessatti bobbasuu danda’amuu irratii marii taasisanii jiru.

yeroo ammaa wal waraansaa umnootaan Mootummaa fi garee hidhatootaa M23 jedahmuu giduutti taasifamaa jiru akkaataa dhaabsisuun danda’amu irratti maryachuudhaaf wixata kaleessaa Naayiroobitti kan walargan hogantootaa Burundii, Keeniyaa, Rwaandaa, Sudaan kibbaa, Taanzaaniyaa, Ugaandaa fi Koongoo ti.

Gareen M23 jedhamu erga lola jalqabee waggoottan kan lakkoofsise yemuu ta’u, kutaa Koongoo bahaa isaa albuuda Warqee fi plaatiniyeemitin badhaadhaa ta’e too’achuudhaaf kan socho’u akka ta’e ibsameeraa.

Garee kana deggerti jechuudhaan Ruwaandaa irratti komii kan dhiheesa jirtu KDR jeequmsaa naanicha keessa jiru laafsuudhaaf waraanni Umna hawaasa bahaa Afrikaa jedhamuu akka hirmaatu ni barbaaddi.

Gareen kutaa baha Afrikaa bakkeewwan Kiivuu kaabaa, kiivuu kibbaa fi Ituurii jedhaman keessati waraana bobbaasuu barbaadaa. Umnaa waraanaa bobba’u kana keessaa miseensonii waraanaa mootummaa Ugaandaa fi Ruwaandaa itti makamuu hin qaban gaafiin jedhuu karaa KDR dhihaachuun isaa gabaasameeraa.

Akka dhaabileen gargaarsa namoomaa jedhanitti, wal waraansa KDR keessaa waggootan Shanan darbaniif tureen namoonni kuma 25 ta’an qe’ee isaanii gad lakkisaanii yemmuu baqatan, namoonni kuma shan ta’an garaa ugaandaatti baqachuudhaaf derqamuun isaanii Gabaasini Mohaamad Yusuuf Nayiroobii irraa VOA dhaaf qindeesse ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG