Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maalii Keessatti  Hidhattoota Islaamummaatiin Namoonni 132 Ajjeefaman 


FAAYILII - Humnoota hidhatan magaala Bamaakoo, Maalii, ebla 14, 2015
FAAYILII - Humnoota hidhatan magaala Bamaakoo, Maalii, ebla 14, 2015

Maalii keessatti gareen hidhattotaa maqaa Islaamummaatiin socho’u siviilota irratti haleellaa raawwateen namootta 132 ajjeesuu isaa mootumaan Maalii beeksisee jiraa.

Ajjeechaan kutaa walakeessa biyyatti Mooptii keessatti waxabajjii 18 galagala gaandoottan Sadii keessatti raawwatame kun, seenaa waliti bu’iinsa biyyatti waggootan 12 keessatti isaa jalqabaa ta’uun isaatiif mootumaan loltootaa Maalii gadda biyyaalesaa guyyoottan 3 fi labsuun isaa gabaasameera.

Karaa biraatiin haanga’oonii naannoo akkaa madda oduu AFP ti himanti hidhatoonni kun torban darebe bakka Ebak jedhamuu keessatti sivilota 35 ajeesaniiru. Haaluma walfakkatun waxabajii 12 achuma Maalii keessatti kutaa biyyatti Manakaa bakka Izingaz jedhamuu keessatti siviilotaa 22 akka ajjeesan gabbasameera.

Torban darbe biyyaa olla Maalii kaaba Burkiina Faasoo bakka Seytengaa jedhamu keessatti hidhattoonni maqaa Islaamummaatiin socho’an siviilota 86 ajeesuun isaanii gabaasamuun isaa nibekama.

Umnii Mootummootaa gamtoomanii Maalii keessa jiruuf MINUSMA jedhamee beekamuu haleellaa walakkeesa Maalitti raawwatame kana balaaleffachuun isaa ibsameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG