Gargaarsii namoomaa lammiilee Siiriyaa miiliyoonii 4 ta’aniif taasifamaa jiru akka itti fufu barreesaan muummee mootummootaa gamtoomanii Antooniyoo Guterees manan maree nageenyaa gaafataniiru.
Guteree walgahii mana maree nageenyaa mootumoota gamtoomanii irratti gafii dhiheesanii gargaarsii Kanaan duraa karaa biyya Tarkiitin Kaaba- lixa siiriyaa seenaa turee akka itti fufu kan taasisu muritoon Kannan dura hojii irraa ture lakkoofsa 2585 waggaa Tokkoof haaromsuun iss baayee barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru. Akka Guteress jedhanitti lammiilee seeriyaa gargaarsii barbaachisu keessaa harkii 80n dubartootaa fi daa’imanii.
Gargaarsichii karaa Mootummoota gamtoomani fi dhaabbilee gargaarsa namoomaatiin kan kennamuu yoo ta’u walgahii mana marichaa biyyootan 15 keessatti argamanuun Adoolesa 10 murtii itti fufiinsaa argachuu qaba.
Dhaabataa midhaan nyaataa Adduunyaa/WFO dabalatee hoggantoonii dhaabilee gargaarsa namoomaa 6 torban darbe ibsaa waloodhaan baasaniin murtoon akkaataa gargaarsaa Siriyaa kun akka haaromsamuu gaafachuun isaanii beekameera.
Dhaabanii mootumootaa gamtoomanii lamiilee siriyaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaatii gargaarsaa barbaadaniif kan oolu gaafii doolaaraa Biiliyoonii 10ni dhiheessee jira.
Siriyaaniif Raashaan gargaarsichii karaa mootumaa Siriyaatiin taasifamuu qaba jechaa jiru. Chaayinaan gaafii gargaasichaa akka hin deggeree bakka bu’an chaayinaa malatoo agarsiisuun isaanii gabaasameeraa.