Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gatiin Gaazii Amerikaa Keessaa Dabalaa Jira


Prezidaant Baaydiin gatii Gaazii ilaalchisee haasawaa dhageessuuf karoorfatan
Prezidaant Baaydiin gatii Gaazii ilaalchisee haasawaa dhageessuuf karoorfatan

Prezidaantiin Yunaaytid Istees Joo Baaydin kongreesiin biyyatti dilaala mootummaa Fedeeraalaa biyyatti gurgurtaa Gaazii irraa argatu akka dhaabu gaafatanii jiru. Kunis uummanni gatii bittaa Gaazii dabalaa jiru kan hanga tokko duula waraanaa Raashaan Yukreen irratti gaggeessaa jirtuu irraa madde irraa akka dandamatan gochuuf yaadameetu.

Prezidaant Baaydiin gatii Gaazii ilaalchisee haasawaa dhageessuuf karoorfachuu isaanii dura, Waayit Haawuus ibsa baaseen, hanga baatii Fulbaana dhufuutti, Gaazii Gaalonii tokko irraa dilaala argamuu saantiima 18.4 dhaabuu isa jedhu Baaydin deggeru jedha.

Lollii Yukreen keessatti gaggeeffamu maatiwwan Amerikaa keessaa gatii baasisaa itti jiru yeroo addaa kanatti, maatiin hojjatatanii jiraatan akka afuura baafatan gochuuf kongreesiin waan danda’ame gochuu qaba isa jedhutti amanu Prezidaant Baaydiin.

Dhimmi kun Baaydiin dhimmi ilaalacha duraa argachuu qabu ta’u itti gaafatamtuun preesii kan waayit Haawus ibsanii jiru.

Maallaqnii dilaala gurgurtaa Gaazii irraa argamu harka caalaan daandilee ijaaruuf oola. Masaraan Wayit Haawuus akka jedhutti, galiin kanneen biroon maallaqa silaa dilaala gurgurtaa Gaazii irraa argamu keessaa Biliyoona 10 ni argamsiisa.

Yunaaytid Isteets keessatti gidduu galeessaan gatiin Gaazii Gaaloonii tokkoo Doolaara 5 dhaqqabee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG