Yunaaytid Istets kutaa saawuz Kaaralaayinaa keessatti filannoo gaggeeffameen Donaad Traamp injifannoo guddaa argatanii jiru.Iddoo sanatti Traampiin kan dorgoman Ripaablikaantichi marsaa shan injiifatan Tam Raayis waggaa dabree Traamp irratti himatii haa dhiyaatu eega jedhanii booda aangoo irraa ari’aman.
Qiyyaafanaa Traamp jala kan turan Ripaablikaantittiin Naancy Meeys dorgomaa isaanii injifatanii jiru.
Gama kaaniin Navaadaa keessatti kan Traampiin dhiyaatan Adam Laxalti filannoo marssa duraa kan seeneeta Amerikaa injifatanii jiru.