Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochiin Lafaa Afgaanistaaniin Mudatee Jira 


Suuraa miidiyaa mootummaatin gadhiifame midhaa balaa sochii lafaatiin dhaqabe agarsiisu, Paktikaa, Afgaanistaan, WAXABAJJII 22, 2022
Suuraa miidiyaa mootummaatin gadhiifame midhaa balaa sochii lafaatiin dhaqabe agarsiisu, Paktikaa, Afgaanistaan, WAXABAJJII 22, 2022

Afgaanistaan Kibba Bahaa keessatti balaa sochii lafaa humna guddaa qabu mudateen lakkoobsii namoota dhumanii dabalaa kan jiru ta’u kan ibsan aangawoonni Taalibaan, namoota 900 caalaa ajjeesee kanneen yoo xiqqaate 600 ta’an madeessuu ibsan.

Dhaabbatii oduu mootummaa kan Baakhtar jedhamu akka gabaaseetti, humnii raafamichaa 6.1 ta’e kun Robii har’a ganama kan mudatee yoo ta’u, iddoon balaan kun itti dhaqqabe magaala guddoo kutaa Khost irraa fageenya kilo meetra 44 ta’u irratti argama.

Angawoonni naannoo fi dhaabbati oduu kun akka jedhanti badiin guddaan irri jireessi Paktika kibb bahaa fi kutaa Khost kan Paakistaan waliin wal daangeessuu keessatti dhaqqabe.

Daayreekteerrii walii galaa kan dhaabbata oduu kanaa Twitarii irratti akka barreessanti paktika keessatto manneen 90ni barbadaa’uu fi namoonni kurna hedduun caccabaa manneenii keessatti qabamanii hafan jedhamee amanamaa.

Dhaabatii oduu Bakhtaar angawaa Taalibaan waabeffachuun akka gabaaseetti, namoota balaa Kanaan midhamaniif gargaarsa danda’ame mara gochuuf akkadanda’amuutti, masaraa prezidaantii keessatti walgahiin hatattamaa gaggeeffamaa jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG