Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Haleellaa Hammeesitee Jirti: Briteen  


FAAYILII - Waraana Yukireen naannoo Danbaaskitti, Waxabajjii 21, 2022.
FAAYILII - Waraana Yukireen naannoo Danbaaskitti, Waxabajjii 21, 2022.

Raashaan guutummaa naannoo siviyeer Doneesk qabachuuf yaalii taasiftuun haleellaa hamaa geesisaa kan jirtu ta’u ibsii ministriin dantaa alaa Briteen baasee beeksisee jira.

Kana malees Raashaan waraana ishee lakkoobsaan hedduu ta’e Donbaas keessa qubachisuuf jecha qophaa’aa kan jirtu ta’u malti jedha ibsi kun.

Prezidaantiin Yukreen Voladmiir putiin vidiyoo waraabamee galgala dhiyaatu irratti akka jedhanti, Kutaa Luhansk gama dhiyaa keessatti yeroo ammaa kanatti akkaan hamaa dha.Weerartoonni gama Doneeskiin dhiibbaa jabaa gochaa jiran jedhan.

Raashaan humnootii Yukreen naanoo akkaan barbaachisoo ta’an keessaa baasuuf yaalii gootu jabeessaa jirti.Bulchaan kutaa Luhaansk gama bahaa dhaabata oduu Ashosheetid Preesiif barreeffamaan akka ibsanti, naannoo kanatti dhukaasii hammaatee kan itti fufee yoo ta’u sa’atii tokkoof illee hin dhaabatu. Haallii jiru hamaa dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG