Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hggantoonni Biyyoottan Miseensa Gamtaa Awuroophaa Dhimmaa Yuukreen Irratti Dubbachaa jiru 


FAAYILII - Hoggantoota biyyota biyyotan gamtaa Awurooppaa, Caamsaa 23, 2022

Walgahin hogantootaa biyyotan gamtaa Awurooppaa kamisa har’a fi jimaata borii Braasels keessatii taasifamu ,yuukreen miseensa gamtichaa ta’uudhaaf akka kaadhimamtu murteessuun alatti weerara Raashaan yuukreen irratti raawwatte hordifuudhaan sadarkaa adduunyaatti rakkina wabii midhaan nyaataa irratti umamee fi gargaarsa dabalataa karaa dinagdee fi waraanaatiin yuukreeniif kennamuu qabuu irratti akka maryatu gabasameera.

Prezidaantiin Yuukreen Volodymiir Zelenskii kaleesaa galagala ergaa Viidiyoodhaan dabarsaniin, gamtaan Awurooppaa akka biyya isaanii miseensumaadhaaf kaadimu Roobii kaleessaa hogantootaa biyyootan Awurooppaa 11 wajjin haas’uu isaanii himaniiru.

Yuukreen Biyyootan miseensaa gamtaa Awurooppaa 27n kaadhimamtuu ta’uun ishee fudhatama argatus miseensaa guutuu ta’uudhaaf garuu yeroo dheeraa akka itti fudhatu ibsameera.

Waraannii Raashaa kutaa biyya Dombaas keessatti xiyyaaraa fi meeshaalee waraanaa gurguddoodhaan haleelaa akka itti fufe kan ibsan Zeleniskiin Raashaan Dombaasiin guutummaatti sadarkaa sadarkaadhaan barbadeesuuf karoorfatee jirti jedhaniiru.

Gargaarsii meeshaa waraanaa umnna Raashaa gituu danda’u attatmaan akka isaaniif kennamu Zeleneskiin kan gaafatan yemmuu ta’u gorsaan isaanii Oleksiy ArestoViyich waraanni Raashaa yaada waraanaa yuukreen aaddan hiruudhaaf jecha Kharkiv irratti haleelaa raawwachuudhaan jiraattotaa shororkeessaa jira jechuudhaan himataniiru.

Bulchaan naannoo kharkiiv Oleh Synehubov gama isaaniitiin, akka haleellaan bakkeewaan jiraatootaa kharkivii fi magaalotaa biroo irratti taasifamaa jiruu jabaatee itti fufuu ibsuun isaanii gabaasameera.

XS
SM
MD
LG