Manni-murtii muummichaa kan Yunaayitid Isteetis seera biyyattii ka walakkaa jaarraa tokkootiif ulfa of irraabaasuu mirga heera biyyattii taasisee ture, akkuma tilmaamaa ture, moggaatti dhiisuudhaan, akka kutaaleen biyyaa mirgicha eyyamuu fi dhiisuu murteeffatan mirga kenneefii jira.
Kan irra-jireessa safuutti cichitootaan guutame mana-murtii ol’aanaan murtiin dabarsame kun, wixineen murtichaa miliqee bahee marsariiti maddeen oduu irratti eega maxxansamee fi guutumaa biyyattii keessatti falmitoota mirga ulfa of irraa baasuutiitiin mormiilee hedduu kakaasee yeroo baatii lama hin guunne keessatti Jimaata har’aa murtii kana dabarse.
“The Guttmacher Institute” kan jedhamu – gurmuun deggarsa mirga ulfa of irraa baasuu akka tilmaametti, bulchitoonni kutaalee Yunaayitid Isteetis 26, keessumaa kanneen gama Kibbaa fi giddu-galeessa lixaa biyyattii keessa jiran, seerichi walakkaa jaarraa tokkoof ture kan “ROE V. WAKE” jedhamu har’a mulqamuu isaatti aansee ulfa of irraa baasuu kutaalee isaanii keessaa dhorkuuf jiran. Kun immoo dubartoonni kutaalee sana keessa jiran kanneen miliyoona hedduutti lakkaawaman uggura kana baqatanii, gara kutaalee mirga ulfa of irraa baasuu tikfamuutti godaanuu malan jedhama.