Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyan Ittisa Itiyoophiyaa Ajjeechaa Loltootaa Sudaan Keesaa Harka Hin Qabu Jedhe


Ajjeechaa loltootaa mootummaa sudaan irratti raawwatamee keessaa raayyaan ittisa biyyaa itiyoophiyaa akka harka hin qabnee ibsee jiraa.

Dubbihimaan raayyaa Ittisaa biyyaa Itiyoophiyaa Kolonel Geetinet Adanee akka midiyaalee biyya keessatti himanitti, waltii bu’insichii kan uumame loltootaa sudaaniif Milishootaa naannoo gidduutti malee loltootaa mootummaa waliin miti.

Bulchaan godina Gondor lixaa Bisex Worquu walitii bu’insichii kan ummamee loltootaa mootummaa Sudaaniif milishootaa naanichaa gidduutti ta’uu isaa VOA ti himuu isaanii Asteer Misgaanawu Baahirdaar irraa gabaasteeti.

Waltti bu’iinsichaan garaa lamman irraa midhaan gahuu isaa kan himan Obbo Bisex Worqu, hidhatoonii meseensaa ABUT ta’an loltootaa sudaan irra goranii ittuu lolaa jiranii miidhamaniiru jedhaniiru.

Ministeerri dhimma alaa Itiyoophiyaa dhimma kan irratti ibsaa kaleessa baaseen, Mootummaan Sudaan waraanii Itiyoophiyaa loltootaa isaa irrati haleellaa raawatee namootan 7 akka ajeese ibsuu isaa balaaleffatee waraanii mootumaa akka harka keesaa hin qabnee himuudhaan loltoonii Sudaan milishootaa naannoo tutuquu isaaniitiif deebii kennameen balaa qaqqabee ta’uu isaa hubachiseeraa.

Ministeerii dhimmaa alaa ibsaa isaa keessatti dhimaa sana keesaa ABUT akka harkaa qabuu dabalee ibsuu isaa hordofuudhaan Mootummaan naanoo Tigraay guyaa har’aa ibsaa baaseen, ibsii mootumaan Itiyoophiyaa TPLFn ilaalchisee baasee waan dhugaa hintaanee fi wareeraa mootummaa Itiyoophiyaa yemuu muddamuu agarsiisudhaa jechuun isaa beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG