Xurree ittiin seenan

Breaking News

FAOn Gaanfa Afrikaaf Gargaarsaa Akka Barbaadu Beeksise  


FAAYILII - Baqattoota mooraa Dolloo keessa jiran, itoophiyaaa D
FAAYILII - Baqattoota mooraa Dolloo keessa jiran, itoophiyaaa D

Dhaabbataa Mootummoota gamtoomaniitti Dhaabanii Nyaataa fi qonnaa FAOn biyyottan gaanfaa Afrikaa balaa Hongeetiin miidhaman gargaaruudhaaf deggersaa doolaaraa Miiliyoonii 172 gaafachaa jiraachii isaa , dubbii himaan Dhaabataa Mootumootaa gamtoomanii Stiifen Duhaariich ibsaa kaleessa kenaniin beeksisan.

FAOn gargaarsaa kana kan gaafachaa jiru biyyootan gaanfaa Afirkaa Afur, jibutii, Itiyoophiyaa, Keeniya fi Somaliyaa keessatti karooraa deebii attamaa keennuuf rakkinaa hirdhissu iraatti qabu ji’a Waxabajii irraa kaaseee amma Mudeetti dheeresuudhaaf akka ta’e ibsameera

Hanqina wabii midhaan nyaataa naanichaa fooyesuudhaaf, lubbuu beelladootaa, akkasumas lubbuu namoottan biyoottan Afuranii miiliyoonii shan ta’an baraaruudhaaf akka kaayyeefate ibsii Dubbii himaa Mootummootaa gamtoomanii kun beeksiseeraa.

Karooraa FAO kana kan itti dabaluun ibsan dubbii himichii, gargaarsii gaafatamee kun qarshii kallatiidhaan namoottan balaa beelaa keessa jiranuuf harkatti keenuu, bakka qubannaa fi haalaa fayyaa mijeesuu, nyaataa beelladootaa dhiheesuu fi talaallii mijeessuu, sanyee midhaanii fi meeshaalee qotiinsaaf gargaaran bituu, boollawan bishaan dhugaatii qopheessuu, akkasumas muudannoo qotiinsaa garii fi haalaa nyaata madalawaa irratti baruumsaa kennuuf kan oolu ta'uu eera, jedha, gabaasni Margaareeti Baashir VOA dhaaf ergite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG