Dhaabbata mootummootaa gamtoomanitti Komishiiniin ol’aanaa dhimma baqattotaa UNHCR gargaarsii namoottan balaan hongee gaanfaa Afrikaa muudatee miidheef kan oolu Doolaara Miiliyoonii 42 akka isa barbaachisu ibsuu isaa gabaasinni Dubbi himtuu dhaabichaa Shabiyaa Maantoo waabeffate ibseera.
Akka gabbasin kun jedhutti gaanfaa Afrikaati buqqaatonni Miiliyoonii 28.4 ta’an gargaarsaa UNHCR kan barbaadaniidha.
Gargaarsaa UNHCR gaafatee Miiliyoonii 42 keessaa Miliyooniin 22 namoottan Itiyoophiya keessatti qe’ee isanii irra buqqa’anii nannoo Somalii, Oromiyaa, naannoo Sabaa fi Sab-lammii kibba Itiyoophiyaa keessa jiraaniif kan oluudha.
Miliyoonii 11 immoo namoottan mooraalee baqattootaa Keeniyaa keessa jiran Kaakumaa fi Dadaabn qubatan gargaaruuf akka oolu ta’un issa ibsameera.